Adoolessa 30, 2009
Bakki : Magaalaa Atilaantaa, USA
Nuti miseensotni ABO kutaa USA fi Kanaadaa,bakka MSGGS fi Hayyu dureen Adda Bilisummaa Oromoo J/Daawud Ibsaa, MSGGS fi DDA ABO J/Tamaam Yusuuf, MSGGS ABO J/Dr. Dagafaa Abdiisaa, Miseensotni Gumii Sabaa ABO, hogganootni birkiilee fi qondaalotni kutaalee Awurooppaa fi Awustiraaliyaa argamanitti teessoo keenya kan kora guddaa bara kanaa guyyoota sadiif haala hamilchiisaa fi afuura jaallummaan guutameen gaggeeffannee xumuraneerra.
Haaluma kanaan karaa hayyu duree keenyaa haala yeroo ammaa qabsoon keenya irra jirtu, haala siyaasa biyyootii akkasumas haala naannoo gaafa Africaa fi hidhata qabsoo keenyaa sadarkaa adda addaa ilaalchisee bal’inaan ibsi erga kennamee booda gaaffilee ka’an maraafuu deebiin quubsaan kennameera.
Kora kana kan adda taasisu, dhibdeelee qabsoo keenyatti guffu tahan hunda miseensotni bilisaan erga yaada irratti ibsatanii booda, egeree qabsoo keenyaa bifa adda taheen itti fufuuf hafuura jaallumaa fi wal hubannoon xumuramuu isaa ti.
Nutis hoogganootaa fi qondaalota keenya bifa hammateen haala itti qabsoo keenya fuula duratti shaffisaan furgaasnu irratti marii barbaachisaa roga hundaanuu gadi fageenyaan gaggeeffannee, dhaamsa miseensota keenya naannolee gaanfa Afrikaa fi biyyoota garagaraa irraa dhiyaates qaamaa qalbiin simachuudhaan, woorki shooppii, marii, fi ibsa raawwii hojii dhaaba keenyaa, karaa dameelee fi birkiilee adda addaan dhiyaatan edda caqasnee gaaffii qabnuuf deebii, akkasumas yaadota qabnu gumaachuudhaan, ibsa ejjennoo qaphxiilee armaan gadii of keessaa qabu sagalee tokkoon dabrfannee jirra.
1. Hirmaannaa fi deggersa qabsoo bilisummaa keenyaaf gochaa jirru kan duraanii caalaatti ni gabbifanna! Jabina keenya tikfachaa, Laafaa jabeeffachaa, kan dogoggore gorfachaa, hirr’uu keenya guuttachaa qabsoo keenya gara fuulduraa tarkaanfachiisuuf qophii dha.
2. Ijaaramuun humnaa fi dagalee qabsoo keenyaa tahuun, wal tumsuun humna hin daddaaqamne tahuu itti amanna, kanaafuu dagalee hundee qabsoo keenyaa kan tahe jaarmiyaa keenya cimsahcuu irratti jabinaan ni hojjenna!
3. Qabsoo of irratti hirkannoo dhaabni keenya geggeessu galmaan gahuufis tahe, injifannoo barbaachisu galmeessuuf dinagdeen murteessaa waan taheef haala kamuu keessatti humna qabnuun qabeenya keenya gumaachuuf waliif gallee jirra.
4. Kallacha qabsoo uumata Oromoo kan ta’e dhaaba keenya ABO kanneen diinaaf meeshaa tahan irraa ammas jabinaan ni tikfanna.
5. Tarkaanfilee gaachana keenya kan ta’e WBOn yeroo gara garaatti fudhataa turee fi itti jiru ni dinqisiifanna, tinnisa barbaachisuun bira ni dhabbanna, WBO jeequmsa keessaa fi alaan itti aggaamame irraa dandammatee qabsoo isaa finiinsuu isaa irratti fulleeffachuu isaa ni dinqiisifanna, deggersa nurraa eegamu gumaachuuf qophii dha.
6. Gochaa mootummaan abbaa irree Itoophiyaa uummata keenya irratti bifa gara garaan raawwatu ni balaalleffanna, kanas qaamota mirga dhala namaa fi mootummoota addunyaaf bakka jirrutti ni saaxilla.
7. Rakkoo bara darbe dhaaba keenya keessatti dhalatee ture bilchinaan irra aanuudhaan hojii jaarmiyaa, waraanaa, siyaasaa, fi dippiloomaasii ilaalchisee tarkaanfii dhaabni keenya adeeme ni dinqisiifanna, daran akka hojjennus waada keenya ni haaromsina
8. Qajeelfamaa fi dirqamoota dhaabni keenya nutti kennu raawwii fi fiixa ba’insa isaatiif jabaannee hojjechuuf waadaa keenya ni haaressina.
9. Qabsoo fi falmaa barataa, qotee bulaa fi uumatni keenya bifa adda addaan biyya keenya guutuu keessatti godhu ni dinqisiifanna, waan barbaachisuunis ni deggerra.
10. Tokkummaa fi obbolummaa uumamaan qabnu guddifachuu fi tikfachuudhaaf uummatni keenya hundiyyu bakka jirrutti obsaa fi wal-hubannaan diina keenya waloo irratti akka xiyyeefannu dhaamsa obbolummaa dabrsinaa.
11. Caayaalee dargaaggoo, shamarranii fi hawaasaa deggersa isaan qabsoo saba isaaniif godhan hedduu dinqisiifanna, daran jabaatanii alla kurfaawanis waliin hojjechuuf waadaa ni sienna.
12. Hayyoonni keenya, dargaggoonni , shamarranii fi qaamoleen hawaasa keenya gara garaa deggersa qabsoo bilisummaa isaaniif bifa adda addaan gumaachaa jiran dinqisifataa, roorroo fi gabrummaa saba keenya irratti hammaataa jiru gabaabsuuf ogeeyyii fi beektotni Oromo bifa hundaan akka bira dhaabbatan waamicha goona.
13. Jaarmiyaaleen hawaasummaa fi ogummaa saba keenya keessaa biqilanii fi maqaa uummatichaan ijaaraman hundiyyu rakkoo fi gidiraa saba keenyaaf bifaa fi gita danda’amee maraanuu baabsaa fi tinnisa isaanii akka gabbisan yaamicha dhiyeessina.
14. Oromoonni maqaa investimetii mana ijaarsaan sobamanii biyya deemuun Saamicha alagaan saba keenya irratti raawwachaa jiru keessaa kallattiinis tahe bifa dhokataan qooda fudhatan akka irraa dhaabbatan waamicha goona, yoo saamicha kana itti fufan garuu qabeenyaan ummata Oromoo yoomuu kan Oromoo tahuu isaa akka beekan itti himna.
15. Dhaabbileen Siyaasaa maqaa saba keenyaan kurfaa’an marti cunqursaa fi gidiraa saba keenya irra jiru hubachuudhaan addaa addummaa xixiqaa dhiisuun diinota waloo kan saba keenya gidirsaa jiru irratti akka xiyyeeffatan yaamicha Oromummaa dhiyeessinaaf.
Gadaan gadaa Bilisummaa ti
I U Of